Foon Gaalaa

Assalaamu’aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhuu.

عن البراء بن عازب قال: سئل رسول الله صلى الله عليه وسلم عن لحوم الإبل؟ فقال: توضؤوا منها. وسئل عن لحوم الغنم؟ فقال: لا توضؤوا منها. (رواه مسلم)
Bara’aa ilma Aazib irraa odeeyfamee (ra) Rasuulli (ﷺ) foon Gaalaa nyaachuu irraa gaafatamee, “Irraa Wuduu’adhaa” jedhan. Foo Re’ee irraa gaafatamanii, “isarraa hin Wuduu’atinaa” jedhan.
(Muslimtu gabaase)

وروى أحمد في مسنده عن أسيد بن حضير قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: توضؤوا من لحوم الإبل ولا توضؤوا من لحوم الغنم.
Useeydi ilma Hudeeyr (ra) irraa odeeyfamee, Rasuulli (ﷺ) foon Gaalaa irraa Wuduu’adhaa, foon Re’ee irraa hin Wuduu’atinaa” jedhan.
(Ahmad’tu Musnada isaa keessatti gabaase)

1. “Dursa Rabbiin (SW) waan hunda beekaadha. Kan nu uum7peefis akka ajaja isaa fudhannuufi. Wanti Rabbiin karaa ergamaa isaatiin (ﷺ) nuun gahu hundi ogummaa addaa qaba. Ammaas ajaja Rasuula isaa (ﷺ) fudhachuutti ajajamne. Waan Rasuula irraa (ﷺ) nu gahe sababa isaa beekuu baannus fudhachuun dirqama. Immoo hikmaa isa duuba jiru beeknaan hikmaa hikmaa gubbaati.”
(Majmuu’ul fataawaa Sheikh ibnu Baaz 10/57).

2. Imaamu Mardawiin, “Foon Gaalaa eega nyaatanii booda Wuduu’a godhachuun Ibaadaadha sababni hin beekamu” jedhe.
(Al Insaan 1/355)

3. Hayyoonni hedduun immoo sababa Sheeyxaanaan walitti dhiheenya qabuufi jechuun ragaa armaan gadii dhiyeessan.
👉Bara’aa ilma Aazib (ra) irraa odeeyfamee Rasuulli Rabbii (ﷺ) waa’ee dallaa (mooraa) Gaalaa keessatti Salaatuu irraa gaafatamee, “Mooraa Gaalaa keessatti hin Salaatinaa, bakka Sheeyxaanaa waan ta’eef” jedhan.
(Abii Daawud 493 irratti gabaase, Albaaniin Al Irwaa 176 irratti Sahiiha jedheen).

👉Ibnu Maajah 769 irratti immoo “Sheeyxaana irraa uumaman” jedhan.

👉Hamzah ilma Aamir al Aslamiyyii irraa odeeyfamee (ra) Rasuulli Rabbii (ﷺ), “Faana Gaalaa hunda booda Sheeyxaanaatu jira. Yeroo yaabbattan maqaa Rabbii irratti dubbadhaa!”
(Ahmad 2667, Albaaniin Silsilaa Sahiihaa 2271 irratti Hasan jedheen).

👉Sheikh Al-Islaam Ibnu Teeymiyaan akkanatti irraa dubbatan:
“Rasuulli (ﷺ) Gaalli Sheeyxaana irraa ta’uu dubbatan (Rabbiitu hunda irra beekaadha). Gaalli Sheeyxaana beeyladaati. Sheeyxaanni namaatiis ni jira. Sareen gurraattiinis Sheeyxaana. Namni yoo foon Gaalaa nyaate haala Sheeyxaanaa qabaata. Sheeyxaanni Ibidda irraa uumame. Ibidda wanni dhaamsu immoo bishaani. Namni foon Gaalaa eega nyaatee booda, haala Sheeyxaanaa ofirraa cufuuf Wuduu’atti ajajame. Qalbiin namaa nyaata waan nyaateetiin jijjiirama.”
(Umdat Al Fiq-hi 1/185)

Itti fufuudhaan, “Namni eega foon Gaalaa nyaatee booda Wuduu’a godhatu, humna Sheeyxaanaa fi sharrii isaarraa nagaya baha. Namni foon Gaalaa nyaatee Wuduu’a hin godhanne, waswaasaa fi sharrii isaarraa nagaya hin bahu.”
(Majmuu’ul fataawaa 20/523)

👉Imaamu Ibnu Al-Qayyimis yaaduma Sheeikh ibnu Teeymiyaan wal fakkaatu kitaaba isaa “I’ilaam Al-Mu’aqqi’iin an Rabbil Aalamiin 2/40” irratti ibse.

4. Akka Saay’intistootni mirkaneessanitti foon Gaalaa narvii dadhabsiisa, ni jeeqas jedhan. Kanaaf, Rasuulli (ﷺ) “Wuduu’a godhachuun akka hin jeeqamnee fi tasgabbii qabaatuuf nu ajajan.” Fakkeenya biraa immoo, “Namni yeroo aaru Wuduu’a akka godhatu kan ajajameef akka tasgabbii argatuufi.”
(Sharh Al-Mumti 1/308)

👉Ibnu Useeymiin immoo, “Yaadoonni armaan olii jiraatanis jiraachuu baatanis, ajaja Rasuula Rabbii (ﷺ) waan ta’eef fudhachuun dirqama. Hikmaa isa duuba jiru beekuun immoo, beekuumsa kenna Rabbii irraa ta’eedha.
والله أعلم

Leave a Comment