Barnoota Diin

Assalaamu’aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhuu. Akkam jirtan hundi keessan? Baga jiraattan, baga walumaanuu jiraanne Alhamdulillaah.
👉Markazni Ansaar gosa barnoota Islaamaa armaan gadii barsiisuuf galmee irratti argama. Gosoota barnootaa barataman:

  1. Qur’aana
  2. Usuula
  3. Siiraa
  4. Ahkaamaa fi Akkaataa Salaataa
  5. Aqiidaa

Namoonni Qur’aana qara’uu barbaaddan liinkii (geessii) kanaan seenaa 👇 https://chat.whatsapp.com/HblzuR6QZkiD2mmpynVzmr

Namoonni Ahkaamaafi Akkaataa salaataa fi  Barnoota Armaan olii hunda wal duraaf duubaan(Tartiibaan)  Barachuu barbaaddan linki Whats appi fi telegram keenya kanaan seenaa:
Telegram👇👇
https://t.me/MarkazaAnsaar
Whatsapp 👇👇
https://chat.whatsapp.com/CLvb8vHd4I46vf7mmzccyJ

Kallattiin barachuudhaaf Link (geessii) gadii kanaan miseensa ta’aa! Kallattiin kan qaraanu ta’a fedha Rabbiitiin.
👇👇👇👇
https://s.imoim.net/9gt2h3?from=copy_link

Namni gosa 4 qaba.

1. Beekaa beekatti of beeku~> kana irraa fayyadaman ykn baratan.
2. Beekaa beekaatti of hin beekne ~> kana yaadachiisanii dammaqsanii irraa fayyadaman.
3. Wallaalaa wallaatti of beeku ~> kana ni barsiisan.
4. Wallaalaa wallaalaatti of hin beekne ~> kana irrumaa fagaatan. Kun irra hamaa namaati. Barachuuf beekaa of seha, garuu jaahila. Mimooriin isaa vaayrasii wallaalaatiin faalamte. Rabbiin nuun haa didu.

Seenessi waloo wal hubannaa lammiilee cimsee tokkummaa dagaagsa!

Seenessi waloo wal hubannaa lammiilee cimsee tokkummaa dagaagsa!
***
Seenessi waloo dhugaa lammiilee mul’isuudhaan tokkummaan obbolummaa bu’uureffate akka dagaagu taasisa.

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoota afaan, aadaa fi duudhaa garaa garaa qaban keessummeessuudhaan ilaalchotaa fi seenessoota qeenxee seenessa walootiin bakka buuftee badhaadhinatti cehuuf imala irratti argamtudha.

Qaamoleen dhugaa waloo moggaatti dhiisanii seenessa qeenxee fi dogoggoraa tarkaanfachiisan qormaata tokkummaaf waliin jireenya lammiilee waan ta’aniif dhugaa waloo akka qabatan taasisuu fi ol’aantummaa seenessa walootis dhugoomsuuf hojjachuun murteessaadha.

Dhugaa waloo qabatanii imaluun biyya tokkummaaf hirmaannaa lammiileetiin badhaadhinatti ceete dhugoomsuu keessatti shoora ol’aanaa waan qabuuf gama kanaan lammiin hunduu gahee isaa bahachuu qaba.

Yaa nama Ragaa sobaa baatu way hoongoo tee!

Assalaamu’aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhuu.
Yaa nama haga ammaatti ragaa sobaa namarratti bahuudhaan Qarshii argattu, way hoongoo (kasaaraa) tee. Gaafa dhugaan (duuti) sitti dhufte booda bakka ittuma godhuuf teeysa.

‏حَدَّثَنَا ‏ ‏عَلِيُّ بْنُ عَبْدِ اللَّهِ ‏ ‏حَدَّثَنَا ‏ ‏بِشْرُ بْنُ الْمُفَضَّلِ ‏ ‏حَدَّثَنَا ‏ ‏الْجُرَيْرِيُّ ‏ ‏عَنْ ‏ ‏عَبْدِ الرَّحْمَنِ بْنِ أَبِي بَكْرَةَ ‏ ‏عَنْ ‏ ‏أَبِيهِ ‏ ‏قَالَ ‏ ‏قَالَ رَسُولُ اللَّهِ ‏ ‏صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ‏ ‏أَلَا أُخْبِرُكُمْ بِأَكْبَرِ الْكَبَائِرِ قَالُوا بَلَى يَا رَسُولَ اللَّهِ قَالَ الْإِشْرَاكُ بِاللَّهِ وَعُقُوقُ الْوَالِدَيْنِ.
Ergamaan Rabbii (ﷺ) waan jedhan, “Dhagayaa! Irra guddoo diliidhaa isiniif himuu? (Sahaaboonniniis) ee nuuf himi yaa ergamaa Rabbii (ﷺ) je’aniin. “Rabbitti qindeeysuu fi haadhaa fi abbaatti mataa jabaachuudha (aaqqa’uudha)” jedhaniin.

‏حَدَّثَنَا ‏ ‏مُسَدَّدٌ ‏ ‏حَدَّثَنَا ‏ ‏بِشْرٌ ‏ ‏مِثْلَهُ وَكَانَ مُتَّكِئًا فَجَلَسَ فَقَالَ أَلَا وَقَوْلُ الزُّورِ فَمَا زَالَ يُكَرِّرُهَا حَتَّى قُلْنَا لَيْتَهُ سَكَتَ.
Fakkatuma kanaan, yeroo himu san ciqilfatee ture. Eegasii ol godhatee taa’ee, “ragaa sobaati, ragaa sobaati…” jecha kana deddeebisuurraa hin deemne, haga nuti way silaa numarraa usee jennu takkatti.”
@hamilepost

Foon Gaalaa

Assalaamu’aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhuu.

عن البراء بن عازب قال: سئل رسول الله صلى الله عليه وسلم عن لحوم الإبل؟ فقال: توضؤوا منها. وسئل عن لحوم الغنم؟ فقال: لا توضؤوا منها. (رواه مسلم)
Bara’aa ilma Aazib irraa odeeyfamee (ra) Rasuulli (ﷺ) foon Gaalaa nyaachuu irraa gaafatamee, “Irraa Wuduu’adhaa” jedhan. Foo Re’ee irraa gaafatamanii, “isarraa hin Wuduu’atinaa” jedhan.
(Muslimtu gabaase)

وروى أحمد في مسنده عن أسيد بن حضير قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: توضؤوا من لحوم الإبل ولا توضؤوا من لحوم الغنم.
Useeydi ilma Hudeeyr (ra) irraa odeeyfamee, Rasuulli (ﷺ) foon Gaalaa irraa Wuduu’adhaa, foon Re’ee irraa hin Wuduu’atinaa” jedhan.
(Ahmad’tu Musnada isaa keessatti gabaase)

1. “Dursa Rabbiin (SW) waan hunda beekaadha. Kan nu uum7peefis akka ajaja isaa fudhannuufi. Wanti Rabbiin karaa ergamaa isaatiin (ﷺ) nuun gahu hundi ogummaa addaa qaba. Ammaas ajaja Rasuula isaa (ﷺ) fudhachuutti ajajamne. Waan Rasuula irraa (ﷺ) nu gahe sababa isaa beekuu baannus fudhachuun dirqama. Immoo hikmaa isa duuba jiru beeknaan hikmaa hikmaa gubbaati.”
(Majmuu’ul fataawaa Sheikh ibnu Baaz 10/57).

2. Imaamu Mardawiin, “Foon Gaalaa eega nyaatanii booda Wuduu’a godhachuun Ibaadaadha sababni hin beekamu” jedhe.
(Al Insaan 1/355)

3. Hayyoonni hedduun immoo sababa Sheeyxaanaan walitti dhiheenya qabuufi jechuun ragaa armaan gadii dhiyeessan.
👉Bara’aa ilma Aazib (ra) irraa odeeyfamee Rasuulli Rabbii (ﷺ) waa’ee dallaa (mooraa) Gaalaa keessatti Salaatuu irraa gaafatamee, “Mooraa Gaalaa keessatti hin Salaatinaa, bakka Sheeyxaanaa waan ta’eef” jedhan.
(Abii Daawud 493 irratti gabaase, Albaaniin Al Irwaa 176 irratti Sahiiha jedheen).

👉Ibnu Maajah 769 irratti immoo “Sheeyxaana irraa uumaman” jedhan.

👉Hamzah ilma Aamir al Aslamiyyii irraa odeeyfamee (ra) Rasuulli Rabbii (ﷺ), “Faana Gaalaa hunda booda Sheeyxaanaatu jira. Yeroo yaabbattan maqaa Rabbii irratti dubbadhaa!”
(Ahmad 2667, Albaaniin Silsilaa Sahiihaa 2271 irratti Hasan jedheen).

👉Sheikh Al-Islaam Ibnu Teeymiyaan akkanatti irraa dubbatan:
“Rasuulli (ﷺ) Gaalli Sheeyxaana irraa ta’uu dubbatan (Rabbiitu hunda irra beekaadha). Gaalli Sheeyxaana beeyladaati. Sheeyxaanni namaatiis ni jira. Sareen gurraattiinis Sheeyxaana. Namni yoo foon Gaalaa nyaate haala Sheeyxaanaa qabaata. Sheeyxaanni Ibidda irraa uumame. Ibidda wanni dhaamsu immoo bishaani. Namni foon Gaalaa eega nyaatee booda, haala Sheeyxaanaa ofirraa cufuuf Wuduu’atti ajajame. Qalbiin namaa nyaata waan nyaateetiin jijjiirama.”
(Umdat Al Fiq-hi 1/185)

Itti fufuudhaan, “Namni eega foon Gaalaa nyaatee booda Wuduu’a godhatu, humna Sheeyxaanaa fi sharrii isaarraa nagaya baha. Namni foon Gaalaa nyaatee Wuduu’a hin godhanne, waswaasaa fi sharrii isaarraa nagaya hin bahu.”
(Majmuu’ul fataawaa 20/523)

👉Imaamu Ibnu Al-Qayyimis yaaduma Sheeikh ibnu Teeymiyaan wal fakkaatu kitaaba isaa “I’ilaam Al-Mu’aqqi’iin an Rabbil Aalamiin 2/40” irratti ibse.

4. Akka Saay’intistootni mirkaneessanitti foon Gaalaa narvii dadhabsiisa, ni jeeqas jedhan. Kanaaf, Rasuulli (ﷺ) “Wuduu’a godhachuun akka hin jeeqamnee fi tasgabbii qabaatuuf nu ajajan.” Fakkeenya biraa immoo, “Namni yeroo aaru Wuduu’a akka godhatu kan ajajameef akka tasgabbii argatuufi.”
(Sharh Al-Mumti 1/308)

👉Ibnu Useeymiin immoo, “Yaadoonni armaan olii jiraatanis jiraachuu baatanis, ajaja Rasuula Rabbii (ﷺ) waan ta’eef fudhachuun dirqama. Hikmaa isa duuba jiru beekuun immoo, beekuumsa kenna Rabbii irraa ta’eedha.
والله أعلم

Someone asked a Muslim woman, “Your hijab has indeed closed many doors in front of you,” and she replied, “Yes, it has exactly closed the doors of Hell from me.”

Allah says:

🔵 ❛Had the people of those societies have faith (imaan) and fear ˹of Allah˺ (taqwa), We would opened for them barakah from heaven and earth. But they disbelieved, so We seized them for what they used to commit.❜ [Surah Al-A’raf 7 : 96]

Perhaps we know of people who either have no imaan or taqwa of Allah, people who even outrightly say that they hate Allah and make fun of the religion, and yet we see them having so much ease in life — wealth, health, high status in the eyes of the community, and so many more. So how do we understand the above ayah in regard to Allah’s barakah?

🔵 Allah says in another ayah: ❛When they became oblivious to warnings, we opened for them the doors of every (pleasant) thing, until in the midst of their enjoyment in that which they were given, We seized them by surprise, then they instantly fell into despair!❜ [Surah Al-An’am 6 : 44]

Pay attention to the wording in this ayah: Allah does not mention the word “barakah” like in the first ayah.

Allah says that these people who ignore Him and His religion, Allah opens every door for them — wealth, fame, health, recognition, and every other thing that they desire — until in the midst of their enjoyment of these abundance of gifts, Allah suddenly sends to them His punishment. Allah took them by surprise, and in the end, they were caught in despair.

So don’t be fooled by the pleasantries in this life, because Allah gives them to whom He loves and whom He doesn’t love. Having an abundance of wealth doesn’t necessarily mean that Allah loves a person, nor does it mean the opposite either — and this applies to every other worldly matter.


Thank you for reading!

*Allah Subhanahu WaTa’ala says :
‘And remind for indeed Reminder benefits the believers’ (Qur’an 51:55).*

*Kindly do forward/share to all Muslims, and Allah will reward you, In shaa’a Allah. Sharing of Knowledge is Sadaqatul-Jaariyah.*

Rabbiin (SW) tokko!

Assalaamu’aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhuu. Nageenyi isiniif haa tahu!

Kutaa 1ffaa.

Jalqaba irratti Macaafni Qulqulluun Rabbiin tokko ta’uu fi Yesuus (Nageenyi Rabbii irra haa jiraatu) ergamaa isaa tahuu barsiisa. Yesuus (Nageenyi Rabbii irra haa jiraatu) ofii isaatiif bakka hedduutti Rabbiin tokko ta’uu ragaa bahee jira. Ragaa wajjiin haa ilaallu. Nu hordofaan afeerraa keenya!

“Waaqayyo isa #tokkicha, isa dhugaa, Yesuus Kiristoosiin isa ati #ergites beekuun isaanii jireenya bara baraa ti.”
(Yohaannis 17:3)

“Waaqayyo #tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha, inni immoo Kristoos Yesuus isa nama ta’ee mul’atee dha.”
(1Ximootewoos 2:5)

“Yaa Israa’el dhaga’i! Waaqayyo gooftaan keenya Waaqayyo isa #tokkicha!”
(Seera Kessa deebii 6:4)

“Lubbuun koo gab jettee #Waaqayyoon_duwwaa in eeggatti, gargaarsi koo isa biraa in dhufa.”
(Macaafa Faarfannaa 62:1)

“Inni #kophaa isaa kattaa koo, gargaarsa koo, da’oo kootis, egaa ani iddoo kootii hin mittiqu!”
(Macaafa Faarfannaa 62:6)

“Inni #kophaa isaa bantiiwwan waaqaa in diriirse; dha’aawwan galaanaa irras in ejjete;”
(Iyyoob 9:8)

“Maqaan Waaqayyoo gooftaa, Waaqayyo isa kan Israa’el, inni #kophaa isaa wanta dinqisiisaa hojjetu, haa eebbifamu!”
(Macaafa Faarfannaa 72:18)

👇“#Waaqayyo isa waaqayyolii caaluuf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.”
“Isaaf galata galchaa! #Gooftaa gooftotaaf galata galchaa! Gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.”
“Inni #kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjete; gaarummaan isaa bara baraan in jiraata.”
(Macaafa Faarfannaa 136:2-4)

“hundumti isaanii maqaa Waaqayyoo haa jajatan! Maqaan isaa #kophaan ol ka’ee waan beekameef, surraan isaa lafaa fi bantii waaqaa gararraa dha.”
(Macaafa Faarfannaa 148:13)

“Yesuus deebisee, “Inni hundumaa irra caalu, ‘Dhaga’i, yaa Israa’el! Gooftichi Waaqayyo keenya #kophaa isaa gooftaa dha.”
(Maarqoos 12:29)

👉Ragaa armaan olii irraa kan hubannu Rabbiin (SW) tokko ta’uu fi kophaa isaa waan hunda kan uume ta’uu isaati. Kun nama hundaaf ifaadha. Lakkii Yesuusumatu Waaqayyo (Rabbi) kan jettu yoo taate, Rabbiin tokko ta’uu sanuu kan dubbate Yesuusii quba qabaadhu!

👉👉Qur’aanni hoo? Itti fufii dubbisi.

↘️Jalqaba irratti namni Muslimaa kamiyyuu Rabbiin (SW) #tokkicha ta’uusaa amanuu fi Ergamaa isaa kan xumuraa Nabi Muhammaditti (ﷺ) amanuu fi beekuun dirqama.

《قُلْ هُوَ ٱللَّهُ أَحَدٌ》
Jedhi: “Inni Allaah (gabbaramaa dhugaa) #tokkicha.
(Suuraa Ikhlaas 112:1)

《أَمْ كُنتُمْ شُهَدَآءَ إِذْ حَضَرَ يَعْقُوبَ ٱلْمَوْتُ إِذْ قَالَ لِبَنِيهِ مَا تَعْبُدُونَ مِنۢ بَعْدِى قَالُوا۟ نَعْبُدُ إِلَٰهَكَ وَإِلَٰهَ ءَابَآئِكَ إِبْرَٰهِۦمَ وَإِسْمَٰعِيلَ وَإِسْحَٰقَ إِلَٰهًا وَٰحِدًا وَنَحْنُ لَهُۥ مُسْلِمُونَ》
Sila yeroo Ya’aquubitti duuti dhufnaan ilmaan isaatiin “ana booda maal gabbartu?” jedhu isin bira jirtumoo? Isaanis ni jedhan: “Nuti Gooftaa kee, Gooftaa abboota kee Ibraahim, Ismaa’iiliifi Isihaaq gabbaramaa #tokkicha kan ta’e gabbarra. Nuti Isaaf ajajamtoota (Muslimoota).”
(Suuraa Baqaraa 2:133)

《وَإِلَٰهُكُمْ إِلَٰهٌ وَٰحِدٌۖ لَّآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلرَّحْمَٰنُ ٱلرَّحِيمُ》
Gabbaramaan keessan gabbaramaa #tokkicha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. (Inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha.
(Suuraa Baqaraa 2:163)

Ragaan hedduutu jira. Har’a kanuma dubbisaa! Gaaffii yaada yoo qabaattan karri keenya banaadha!
Itti fufa…

Lola waliinii Suudaan

#Ammee
Lola waliinii Sudaan Haga ammaatti maaltu jira…!!

Lolli waliinii Sudaan erga jalqabee guyyoota lakkoofsisee kan jiru yoo ta’u haga ammaatti manca’insa qabeenyaa dabalatee gaaga’amni lubbuu qaqqabaa jiru ulfaataa dha! Aanga’ota Ol’aanoo waraana Sudaan 4 dabalatee Abbootiin Taayitaa hedduun ajjeefamanii jiru, Jeneraalonni waraanaa ajjeefaman kunneen garee wal-lolaa jiru lameen irraa yoo ta’u Humna Addaa Sudaan (Humna dafee qaqqabaa) irraa Meejer Jeneraal AlNuur Albaka fi Meejer Jeneraal Abukush yoo ajjeefaman gama RIB Sudaan irraa ammoo Birgaader Jeneraal Jamaal Jaabir fi Birgaader Jeneraal Mutawakkil Sadiq wareegamuu isaanii mirkanaa’ee jira.

Lola kanaan Lubbuun lammiilee qulqulluu baayyinni isaanii 56 ol ta’u haga ammaatti obbaafamee kan jiru yoo ta’u Namoota 500 ol irra ammoo miidhamni ol’aanaa qaqqabuu isaa odeessi Miidiyaalee keessoo biyyattii biraa ba’aa jiru ni addeessa.

Gareen Humna Addaa Sudaan Jeettilee waraanaa Mig-29 kan qabeenyummaan isaanii Masrii ta’an 2 balaliistota isaanii waliin to’annaa jala oolchuu isaanii kan himan yoo ta’u Loltoota Masrii hedduu booji’anii jiru! Humni Addaa Sudaan kan Humna dafee qaqqabaa jedhamee waamamu kun haga ammaatti Buufata Xiyyaaraa biyyaalessa Kaartum, Masaraa Pirezidaantii, Dhaabbata Raadiyoo Sudaan dabalatee Magaalota Sudaan hedduu to’annaa isaa jala oolchee jira.

Lolli Jabaa garee Humna Addaa Sudaan kan Jeneraal Muhammad Hamdan ‘n hoogganamuu fi Garee RIB kan Jeneraal Abdulfattah Burhan ‘n durfamuun geggeeffamaa jiru jabaatee itti fufee jira, Madaala lolichaa kan dhuunfatee jiru Gareen Humna Addaa Sudaan lola lafoon ol’aantummaa isaatiin injifannoo galmeessuun iddoo murteessoo Sudaan Masaraa Pirezidaantii dabalatee Buufata Xiyyaaraa fi Magaalota ijoo dhuunfachuun isaa carraa inni biyyattii guutummaatti to’achuuf bal’aa ta’us Buufati Jeettilee waraanaa Sudaan to’annaa RIB Jeneraal Alburhaan ‘n jala jiru.

اللهم سلم شعب إخواننا السودانيين